Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa (NBE) qajeelfama jijjiirraa maallaqa alaa (Foreign Exchange) irratti fooyya’iinsa haaraa beeksiseera. Jijjiiramoonni kun herrega sharafa alaa, kaffaltii gara biyya alaa, e-commerce, remittance, invastimantii fi hojii Forex Bureau irratti haala haaraa uumu.
Fooyya’iinsi kun erga haaromsi dinagdee bal’aan Adoolessa 2024 jalqabamee booda, gabaa sharafa alaa Itoophiyaa caalaatti ammayyeessuu fi tajaajila maallaqa alaa fooyyeessuuf tarkaanfii fudhatamaa jiru keessaa tokko dha.
Akka NBE ibsetti, qajeelfamni haarawaan namoota dhuunfaa, exporters, invastaroota, baankota daldalaa, dhaabbilee fi Forex Bureaux irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a.
Qajeelfama Forex Itoophiyaa keessatti maal jijjiirame?
Jijjiiramoonni haaraan dhimmoota hedduu kan hammatan yoo ta’u, isaan keessaa muraasni namoota dhuunfaa fi daldaltootaaf barbaachisummaa addaa qabu.
1. Exporters tajaajilaa galii isaanii guutuu qabachuu danda’u
Namni ykn dhaabbanni tajaajila gara biyya alaa erguun galii sharafa alaa argatu, galii isaa keessaa 100% herrega foreign exchange retention account keessatti yeroo murtaa’e malee qabachuu danda’a.
Tarkaanfiin kun dhaabbilee tajaajila gara biyya alaa kennan galii isaanii sharafa alaa ta’een bulchuu fi itti fayyadamuuf carraa dabalataa kennuu danda’a.
2. Abbootiin herrega Forex kaardii idil-addunyaa argachuu danda’u
Baankonni hayyamaman abbootii herrega sharafa alaa hundaaf kaardiiwwan idil-addunyaa beekamoo kennuu danda’u.
Yoo herrega keessatti sharafni alaa gahaan jiraate, kaardiiwwan kunneen kaffaltii gara biyya alaa raawwachuuf, keessumaa e-commerce fi kaffaltii online, itti fayyadamuun ni danda’ama.
3. Barnoota, yaalaa fi imala maatiiif kaffaltii Forex
Abbootiin herrega sharafa alaa, kanneen herrega retention qaban dabalatee, maallaqa herrega isaanii irraa baasii barnootaa, yaalaa fi imalaa abbaa/haadha manaa fi ijoollee isaanii gara biyya alaatiif kaffaluu danda’u.
Kaffaltiin akkanaa garuu sanadoota barbaachisoo dhiyeessuun raawwatamuu qaba.
4. Ulaagaaleen USD 100 herrega Forex banuuf ture kaafame
Ulaagaan duraan namoota Itoophiyaa keessa jiraatan, Itoophiyaa alaa jiraatan fi namoota dhalootaan Itoophiyaa ta’an irraa herrega qusannaa sharafa alaa banuuf USD 100 xiqqaate qabaachuu gaafatu kaafameera.
Kun namoonni herrega foreign currency savings account banuuf carraa bal’aa akka argatan gochuu danda’a.
5. Itoophiyaanonni invastimantii gara biyya alaa gochuu danda’u
Itoophiyaanonni invastimantii gara biyya alaa gochuu akka danda’an hayyamameera.
Haa ta’u malee, invastimantii akkanaa case-by-case approval Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa irraa barbaada.
6. Maallaqa alaa qabatanii Itoophiyaa seenuu
Namni Itoophiyaa keessa jiraatu yeroo gara biyyaatti deebi’u maallaqa biyya alaa of bira qabaate, haala qajeelfamicha keessatti ibsameen, maallaqa sana Forex Bureau hayyamame keessatti gara Birrii jijjiirrachuu ykn herrega foreign currency isaa keessatti galchuu danda’a.
7. Remittance maatiiif gara biyya alaa
Itoophiyaanonni maatii isaanii gara biyya alaa jiraataniif maallaqa erguu danda’u.
Daangaan remittance kun, akka beeksisa NBEtti, USD 3,000 hin caalu. Sanadoonni barbaachisoon maallaqa erguuf dhiyaachuu qabu.
8. Baankonni forward exchange transaction raawwachuu danda’u
Baankonni hayyamaman, ulaagaalee qajeelfama keessatti kaa’aman hordofuun, forward exchange transactions raawwachuu danda’u. Kana gochuuf eeyyama addaa NBE irraa gaafachuun duraan ture haala haaraan salphifameera.
9. Dhaabbileen alaa herrega Forex banuu danda’u
Foreign direct investment companies, embassies, international organizations fi NGOs, eeyyama addaa NBE irraa osoo hin fudhatin, baankii hayyamame keessatti foreign exchange account banuu danda’u.
10. Liqii alaa fi suppliers' credit
Mirkaneessi external loans, kan maallaqaan ykn meeshaan kennamu dabalatee, akkasumas suppliers' credit, baankota hayyamamaniin qajeelfama foreign exchange keessatti kaa’ame hordofuun raawwatamuu danda’a.
11. Exporters' Advance Payment
Exporter tokko, yoo waliigalteen sirrii jiraate, kaffaltii dursee argachuu danda’a.
Waliigalteen sun namni ykn dhaabbanni maallaqa ergu sun kaffaltii duraa ta’uu isaa ibsuu fi exporterichi haal-duree kaffaltii sana irratti waliigaluu qaba. Sanadoonni waliigaltee kunis baankii hayyamameef dhiyaachuu qabu.
Maallaqni dursee dhufe kun “advance payment for future export or import” jedhamee ibsamuu ykn invoice number, contract number ykn gosa meeshaa gara biyya alaa ergamu waliin walqabsiifamuu danda’a.
12. Kaffaltii barnootaa fi yaalaa hanga USD 20,000
Baankonni hayyamaman, dhimma tokkoon tokkoon isaatiif, kaffaltii tajaajila barnootaa fi yaalaa gara biyya alaa hanga USD 20,000 ykn maallaqa biraa walqixa ta’een dursee kaffaluu danda’u.
Haala qajeelfamicha keessatti ibsameen, visa fi ticket dhiyeessuun dirqama hin ta’u. Garuu ragaan dhaabbata biyya alaa irraa kennamee fi iyyanni maamilaa barbaachisaa dha.
13. Invastaroonni bu’aa isaanii gara biyya alaa erguu danda’u
Invastaroonni, sanadoota barbaachisoo qajeelfamni gaafatu guutuun yoo dhiyaate, net profit ykn dividend isaanii gara biyya alaa erguu danda’u.
Baankonni daldalaa sanadoota barbaachisoo mirkaneessuun kaffaltii raawwachuu danda’u; eeyyama addaa NBE gaafachuun haala duraanii irraa salphifameera.
Jijjiirama Independent Forex Bureau irratti taasifame
NBE hojii fi liquidity Independent Foreign Exchange Bureaus cimsuuf tarkaanfiiwwan haaraa fudhateera.
- Independent Forex Bureau waggaa tokkoo fi isaa ol hojii irra tureef security deposit Birrii miliyoona 30 gadi lakkifamuu danda’a.
- Kan ji'a jaha ykn isaa ol hojii irra tureef walakkaan security deposit, jechuun Birrii miliyoona 15, gadi lakkifamuu danda’a.
- Daangaan cash holding Forex Bureau duraan kaappitaala keessaa 10% ture gara 25%tti olkaafameera.
- Maallaqni daangaa kanaa ol ta’e baankota daldalaatti gurguramuu qaba.
Forex Bureau kaffaltiiwwan biyya keessaa tokko tokkoof tajaajila kennuu danda’a
Forex Bureaux, Independent Forex Bureaux dabalatee, ragaa kaffaltii barbaachisaa dhiyeessuun kaffaltiiwwan biyya keessaa tokko tokkoof cash foreign exchange gurguruu danda’u.
Kaffaltiiwwan kunneen keessaa:
- Kaffaltii Visa
- Kaffaltii Immigration
- Kaffaltii License
- Kaffaltiiwwan biroo qajeelfamicha keessatti hayyamaman
Jijjiiramni Forex Directive kun maal jechuu dha?
Walumaagalatti, fooyya’iinsi haaraan gabaa sharafa alaa Itoophiyaa keessatti tajaajila maallaqa alaa caalaatti salphisuuf kan akeekkate dha.
Keessumaa, namoonni herrega foreign currency qaban kaffaltiiwwan online fi e-commerce gara biyya alaa raawwachuuf carraa argachuu, exporters galii isaanii sharafa alaa ta’een bulchuu fi invastaroonni bu’aa isaanii gara biyya alaa erguuf adeemsa salphaa argachuun jijjiirama guddaa dha.
Haa ta’u malee, tajaajila kana fayyadamuun dura ulaagaalee, sanadoota fi daangaa qajeelfama haaraa keessatti kaa’aman hubachuun barbaachisaa dha.
Gaaffilee Yeroo Baay’ee Gaafataman (FAQ)
Herrega Forex banuuf USD 100 amma barbaachisaa dha?
Lakki. Akka beeksisa NBEtti, ulaagaan USD 100 herrega foreign exchange savings account banuuf ture kaafameera.
Herrega Forex irraa online kaffaltii gochuun ni danda’amaa?
Eeyyee. Baankonni hayyamaman abbootii herrega foreign exchange'itiif kaardiiwwan idil-addunyaa kennuu danda’u. Yoo herrega keessatti sharafni alaa gahaan jiraate, kaardiiwwan kunneen e-commerce fi kaffaltiiwwan gara biyya alaa irratti fayyadamuun ni danda’ama.
Maatii biyya alaa jiraniif hanga meeqa erguun danda’ama?
Akka beeksisa NBEtti, remittance maatiiif taasifamu tokko keessatti daangaan isaa USD 3,000 hin caalu, sanadoota barbaachisoo waliin.
Barnootaa fi yaalaaf gara biyya alaa maallaqa meeqa kaffaluun danda’ama?
Baankonni hayyamaman, haala qajeelfamicha keessatti ibsameen, dhimma tokkoon tokkoon isaatiif hanga USD 20,000 kaffaluu danda’u.
Forex Bureau keessatti cash holding daangaan isaa meeqa?
Daangaan cash holding Independent Forex Bureau kaappitaala isaa keessaa 10% irraa gara 25%tti olkaafameera.
Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa (National Bank of Ethiopia – NBE), Public Notice: Notice on Relaxation of Foreign Exchange Directives (FXD/01/2024), 11 February 2026.
Qajeelfama: Foreign Exchange Directive No. FXD/04/2026
Jijjiiramoonni qajeelfama sharafa alaa kun namoota gabaa maallaqaa fi invastimantii irratti hojjetaniifis barbaachisoo dha. Namoonni waa’ee gabaa faayinaansii, Forex, stocks fi instrumentoota daldalaa adda addaa caalaatti baruuf qajeelfama gabaa faayinaansii fi Forex traders keenya ilaaluun ni danda’ama.
